Odeeffannoo fi Tajaajila Balaa’amaa Gatamaa
Yoo Kiing Kaawuntii jiraattan yookan hojjettan ta’e, isinii fi naannoo keemikaalota summaawaa irraa eeguuf, akkamii fi eesssatti balfaa fi meeshaalee summaawaa ta’an gatuu akka dandeessan, tajaajila mijataa ni kennina.
Waa’ee Keenya
Sagantaan To’annoo Balaa’amaa Gatamaa miidhaa oomishoota summaawoo ta’an oomishuun, itti fayyadamuun, olkaa’uun, akkasumas, balfa summaawoo gatuun dhufu hir’isuun, fayyaa uummataa fi qulqullina naannoo uumamaa, Kiing Kaawuntii keessa jiranii eega. Nuti, waliigaltee naannoo kan Kiing Kaawuntii Magaalaa Siyaatil, magaalota 37 biroo dabalatee, gosoota lama, akkasumas, iddoowwan kanaa ala jiran dabalata.Oomishalee Summaawoo Beekamoo
Oomishalee summaawaa kan itti hin fayyadamin hafan, dullooman, ykn kan hin barbaadamne olkaa’uun baayyee hamaadha. Yoo iddoo gataa balfaatti gataman ykn bo’ootti naqaman, namootaa fi naannoo miidhuu danda'u. Asxaa oomishaa dubbisuudhaan oomishalee summaawaa adda baafachuu dandeessu. Oomishaleen summaawoo asxaa kan jechoota danger (Balaa qaba), poison (summii), warning (akeekkachiisa), ykn caution (of-eeggannoo) of keessaa qabu qabaan.Tartiiba 3 karaa miidhaa malee balfa gatuuf
-
Meeshaalee walitti qabaa
Yoo asxaan danger (balaa), poison (summii), warning (akeekkachiisa), yookin caution (of-eeggannoo) dabalate inni balfa balaafamaa dha.
Tarree wantoota nuti fudhannuu kana ilaalaa. Maal fiduufi [Residential - What to Bring, Oromo]
-
Awwaaluudhaaf qopheessaa
Meeshaalee qaboowwan isaanii duraa keessa ka’aa, oomisha asxaa hin qabne irratti barreessaa, akkasumas akka hin yaane ykn hin dhangalaane mirkaneessaa. Meeshaalee kanneen, konkolaataa k -
Buusaa
Meeshaalee keessan gara giddu-gala gata balfa summaawoon itti awwalamutti fidaa. Gatiin isaa kaffaltii tajaajiloota bu’uura jireenyaa irratti waan dabalamuuf kaffaltii hin qabu.
Giddu-gala balfaa itti gatan isinitti dhihoo ta’e argadhaa
| Location | Address | Hours |
|---|---|---|
| North Seattle |
Dilbata – Kibxata |
|
| South Seattle |
Kamisa - Sanbata xiqqaa |
|
| Factoria |
Kibxata - Jimaata, Sanbata xiqqaa fi Dilbata |
|
| Auburn |
Sanbata xiqqaa - Dilbata |
Wastemobile – Tajaajilla Balaa'amaa Gatamaa Imalu
Tajaajilli bilisaa walitti qaba balfaa kun, Kiing Kaawuntii keessa hawaasota filataman irra deemuun, jiraattotaa fi daldala xixiqqoof, balfa summaawoo isaaniif iddoo mijataa ni kennu.Yeroo wastemobile, tajaajilli balaa’amaa gatamaa maatii kaasuu imalu, hawaasa cinaa keessanii bira dhaqu beeki. [Wastemobile 2026 schedule - Oromo]
Sagantaa Funaannii Manaa
Umuriin keessan waggaa 65 fi isaa olii, ykn nama qaama miidhamoodhaa? Yoo konkolaataa hin qabaannee fi bakka iddo walitti qaba balaa’amaa gatamaa hin arganne ta'e, kosii mana keessan akka isiniif kaasnu beellama qabsiisuuf nuu bilbiluu dandeessu. Sagantaan manarra deemuun funaanuu karaa kaffaltii tajaajila bu’uura jireenyaa ta’aniin waan kaffalameef: funaanu yoo dhufne, isin hin kaffalchiifnu.Akka isinii kaasnu beellama qabsiisuuf, kanaan bilbilaa
206-296-4692
Wiixata – Sanbata xiqqaa, sa'a 9 a.m. hanga 5 p.m. (ayyaanota osoo hin dabalin) turjumaanii gaffidhan ni arggama
Daldala Kiing Kaawuntii keessaa Qabduu?
Akkaa abbaa daldalaatti, meeshaalee summaawoo ta’an hojjettoota kee, uummata, ykn naannoo uumamaa irraan miidhaa akka hin geenye, to'achuu fi hoogganun dirqama keessani. Kaffaltii malee, daldaloota ulaagaa guutaniif balfa summaawaa isaanii karaa balaa hin qabneen gatuuf, gargaaruu ni dandeenya. Dabalataanis, bakkeetti dhufuun tajaajila gorsaa ni kennina, malawwan isinii ta’u isinii himna, akkasumas, foyya’insaaf tumsa qarshii ni goona. Tajaajiloonni kunneen hundi, dursanii karaa biilii tajaajila bu’ura jireenyaa ta’an (Bishaan, ibsaa, fi k.k.f) waliin kaffalamaniiru; kaffaltii dabalataa malee dhihaatan.Barumsa dabalataa argachuufi daldalli keessan ulaagaa guutuu isaa baruuf bilbilaa
206-296-4692
Wiixata – Sanbata xiqqaa, sa'a 9 a.m. hanga 5 p.m. (ayyaanota osoo hin dabalin) turjumaanii gaffidhan ni arggama
Translate